Sign up to save your library
With an OverDrive account, you can save your favorite libraries for at-a-glance information about availability. Find out more about OverDrive accounts.
Find this title in Libby, the library reading app by OverDrive.

Search for a digital library with this title
Title found at these libraries:
Library Name | Distance |
---|---|
Loading... |
Warra akka keenya Waaqayyotti amananii jiraniif amantiin ergamootaa barsiisa hafuuraa guddaa nuuf argamsiisu. Amantiin isaanii ergaa guddaa laphee keenya keessa nuuf kaa'a, sababiinsaa wangeela qajeelummaa Waaqayyoo waan labsuuf. Kanaafuu waan hundumaa dursa amantii akkanaa qabaachuu nu barbaachisa.
Namni Yesuusitti amanu kam iyyuu qajeelummaa Waaqayyoo beekee itti amanee guutummaa addunyaatti labsuu qaba, sababiinsaa wangeelichi guutummaa biyya lafaatti yoo lallabame malee namni karaa ittiin qajeelummaa Isaa beekee amanu waan hin qabneef. Karaa dubbii Waaqayyoo cubbamoonni qajeelummaa Isaa beekuu danda'u. Qajeelummaa Waaqayyoo argachuudhaaf dubbicha amantiidhaan fudhachuu barbaachisa.
Amantii dubbii Waaqayyoo irratti hundaa'ee qajeelummaa Waaqayyoo nama argamsiisu malee namni kam iyyuu Gooftaa akka Fayyisaatti itti amanuu hin danda'u. Kanaafuu amantii dhugaa isa qajeelummaa Waaqayyoo argamsiisutti amannee amanamoo Luboota Isaa haa taanu. Amanamoo Luboota Isaa jechuun warra qajeelummaa Waaqayyootti amananii dhiifama cubbuu isaanii argatan jechuu dha. Qajeelummaa Waaqayyootti amanuudhaan warra amantii dhugaa qajeelota saba Isaatii ta'an ta'uu dandeenya. Nutis amantii ergamoonni qabaachaa turan qabaachuu dandeenya.